Artiist Admaasuu Birhaanuu (1948 – 2008 A.L.I)

Artiist Admaasuu Birhaanuun Abbaa isaa Obbo Birhaanuu Magarsaafi haadhasaa aaddee Zannabachi Gooshuurraa Adoolessa 26 bara 1948 A.L.I. Walllagga Biilaa iddoo jedhamutti dhalate. Artist Admaasuu Birhaanuu daa’imummaa isaatirraa kaasee nama jireenya isaarratti jijjiirama fiduuf tattaafatuufi waan haaraa raaw’achuun gammadu waan tureef gara jimma deemee iddoo Qumbii jedhamtu jiraachuu jalqabe. Achiiyis gara Xoollaay deemuudhaan hojii qonnaa tiraaktaraan qotuu jalqabee qarshii qonnarraa argatuunis of jiraachisaa achuma Xoollaayitti baruumsa sadarkaa tokkoffaasaa jalqabee hamma kutss 4ffaa barate.

Artiist Admaasuu Birhaanuun umriin isaa waggaa 20 yommuu ta’u gaara Finfinnee dhufuudhaan Guraandhala 13 bara 1968 A.L.I. Galma Tiyaatiraafi Aadaa Finfinneetti weellisaa sirboota aadaatiin hojjechuudhaaf mindeeffamee gara hojii aartiitti makamuudhaan imala jireenyaa haaraa jalqabe.

Baruumsa isaas galgala barachuudhaan ittifufee kutaa 7ffaa gahus boodarra xiyyeeffannoo isaa hunda gara hojii aartii gochuun ogummaa ittiin mindeeffameen dabalata hojii taatummaa (acting) fi shubbisa aadaatiins shoorri inni taphachaa ture waan laayyoo hinturre.

Barootuma Galma Tiyaatiraafi Aadaa Finfinneetti hojjechaa ture sanatti tiyaatiroota kanneen akka እሳት ሲነድ:ስመኝ ስንታየሁ:መቅድም fi ባልቻ አባ ነፍሶ irratti taatee cimaa ta’uudhaan hojjateera.

Sagalee isaatinis sirboota akka

“Akkam naaf jirtu yaa hiriyootakoo

Isin duuba yoomuu yaannikoo”

Utubaa diinagdee (Bunaaf kan weellifame), Biqiltuu Ganamaa (ijoolleedhaaf kan wellifame), akkasumas “Yaatirungo” kkf yedelloofi walaloo itti baasee sirbuudhaan, akkasumas namoota birootiifis walaloofi yedelloo keennuudhaan tajaajileera.

Manneen Tiyaatiraa Galma Tiyatiraafi Aadaa baroota hojeechaa ture keessatti nama afaan mi’aawuufi nama haasaan bareeduuf akkasumas bakka inni jiru hundatti kolfaaf taphini hindhabamne nama jaalatamaa ta’uu isaa michoonni isa wajjin hojjechaa turan hundi ragaa bahuufi.

Televiziyoonii Itiyoophiyaa amma EBC jedhamu irratti sagantaan Afaan Oromoo jalqabamuun isaa Artiist Admaasuudhaaf milkii gaarii waan tureef afaan haadhaaf abbaa isaatiin hojechuudhaan ogummaa qabuun dinqisifattoota baay’ee horate.

Artiist Admaasuun yeroo kana tatee qofaan osoo hinta’in walitti qindeessuudhaanis hojiiwwan kalaqaa haaraa uumuun tajaajiluudhaan bara 1984 A.L.Iti kaasee qophii baashannanaa DHANGAA irratti diraamota dhedheeroo mata dureen isaanii JAAWWII, HAWWII, DIRRIBAAKOO, WAANFALA, KUDHAAMA, KAKUU, IMIMMAAN, DURHAFE, LEENSEE, MARAAMMARTOO FI DU’A jedhaman irratti akkasumaas taphootaafi diraamota gaggabaaboo lakkaawamanii bira hin ga’amne waltajjiifi TV akkasumaas Raadiyo irratti hojechuudhaan Admaasuun artiistii fakkaatti hinqabne ture.

Artiist Admaasuun Diraamaawwan dhedheeroo kannen akka HAALDHABEESSAA fi diraamota gaggabaaboo baa’yees TVO irratti hojjechaa kan turee yoo ta’u diraamaa dheeraa yeroo ammaa kana TVOdhaan tamsa’aa jiru DHEEBUU jedhamu irrattis hamma guyyaa du’a isaatti hojjechaa nama turedha.

Artiistiin hojii aartii kamiyyuu keessaa isa hindhabne kuni fiilmotaafi tiyaatiroota Afaan lamaaninuu hojjetaman adda addaa irrattii taatee ta’uudhaan taphachuu isaatti dabalata taphootaafi komediwwan VCD fi DVD dhaan maxxanssee dinqisiifatoota isaa biraan ga’uudhaan hojii piroodiwusarummaas hojjeteera. Abbaan ijoollee dhiiraa lamaafi ijoollee durbaa sadi’ii Admaasuun maatii kan horateefi nama jaallatamaa hojii aartii keessattuu aartii Affan Oromoo guddisuudhaaf nuffi malee hamma guyyaa boqonnaa isaatti hojjateedhaa.

Du’a tasaa isarra gaheen gaddi guddaan nutti dhagahamullee hojiillee isaa jaallatamoo dhalootaa dhalootatti darbaniin of jajjabeessaa inni Mootumma Waaqayyoo akka dhaalu, Maatiin isaa, hiriyoonnifi dinqiifaattoonni isaa jajjabina argatanii akka sabbaran nihawwina.

Sirni awwaalcha isaas A.L.I. Guraandhala 8/2008 firaafi maatiin, hiriyoonnifi dinqisiifattoonni isaa bakka argamanitti Bataskaana Kaateediraala Sillaaseetti taasifameera.

Waldaa Fiilmii fi Tiyaatira Oromoorra.